Javascript must be enabled to continue!
Dhiyaatina dubartootaa toora falmii Oromummaan fiilmiiwwan <i>The Fallen Beats</i> fi <i>Eelaa</i> keessatti: Xiinxala xiinseeneffama dubartummaa
View through CrossRef
Miixuu ciniinnannaan fiilmiiwwan Oromoo erga asfulla’aniin booda xiyyeeffannoo argatanii qeeqa dubartummaan qoratamuu dhabuun ka’umsa qorannichaati. Kaayyoon qorannoo kanaa fiilmiiwwan “The Fallen Beats” fi “Eelaa” keessatti dhiyaatina dubartootaa toora falmii Oromummaan mul’ifame xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaa saxaxa ibsaatti dhimma bahame. Ragaaleen madda jalqabaa hafee fiilmiiwwaniirraa, kan lammaffaa hafeewwan qorannoo, barruuleefi waraabbii haasawa gaggabaaboorraa sakatta’a hafeedhaan walitti qabamaniiru. Ragaaleen hafee fiilmiwwaniirraa iddatteessuu miticarraa-akkayyoon fudhatamanii akka galumsaan ragaalee madda lamaffaan utubaman ta’eera. Kunis mala akkamtaa, xiinxala hafeefi galumsa hafeen hiikkoofi ibsi erga itti kennameen booda xiinxalamee madaalame. Bu’uura kanaan fiilmiiwwanis, ragaan hafee fiilmiwwaniis akkaataa kaayyoo qorannoo galmaan gahanitti fudhataman. Yaaxxinni xiinseeneffama dubartummaa Afrikanummaa xiinxala ragaaleef dhimma itti bahamee jira. Xiinxala taasifameen “The Follen Beats” qabiyyee baateen duudheffama seenessa olaantummaa dhiiraafi gadaantummaa dubartii labsu qisaasessee gara illeenya dubartummaa bu’uuressuutti tarkaanfateera. Mil’uu aadaa qabxii xiyyeeffatamaa taasisuun dhiyaatina fakkoommiwwaniin, muuxannoo falmii dubartoota Oromoo watwaata dhokatee ture asbaasuun agarsiiseera. “Eelaa” keessatti taatota dubartootaa hawaasummaan walbutuchan gochuun hiriirse. Bakka bu’ummaa dubartootaaf kennameen dubartoota gahoomsuufi ergama saba baraaruu bahaachisu keessaa dhabamsiisuun mul’ateera. Toora falmitoota sabaafi qajeelchitoota xurree dubartummaa taasisuurraa bakkas qubas dhabsiise. Bu'aa qorannoo kana irraa ka'uudhaan, falmiin dhimma dubartummaa Oromummaan dhiyaatu kan fiilmii Oromoo keessatti argamu xiyyeeffannoo qeeqa akka ta’uu qabu akeeka.
English Abstract
The lack of a womanist critique of Oromoo films, which have emerged through intense struggle and gained significant attention, serves as the starting point for this research. The objective of this research is to analyse the representation of women in the struggle for Oromummaa in “The Fallen Beats” and “Eelaa” films. To achieve this objective, a qualitative research approach with a descriptive qualitative design was employed. Data were collected from primary sources (the films themselves) and from secondary sources (including related research, scholarly articles, and short recorded speeches) through document analysis. The film excerpts were selected using purposive sampling and analyzed through textual and contextual content analysis, followed by interpretation and evaluation. Accordingly, the films and the film data excerpts were selected in a manner that met the research objectives. The analysis employed African Womanist Narratology as the theoretical framework. The analysis showed that “The Fallen Beats”, through its narrative content, challenged the ingrained traditions that promote male dominance and proclaim the subordination of women, thereby advancing a womanist perspective. It foregrounds cultural consciousness as its central theme and, through its visual and narrative representation, exposes previously silenced experiences of Oromoo women's advocacy. In “Eelaa”, the female characters were portrayed as being socially antagonistic. The representation given to women diminished the mission of empowering women and fulfilling the role of saving the nation. This portrayal removed them from the position of being national advocates and pioneers of the womanist movement. Based on the findings of this study, the womanist discourse via Oromummaa, found in Oromoo film should be a focus of scholarly critical attention.
Keywords: Struggle, film, Oromo, womanist narratology
Title: Dhiyaatina dubartootaa toora falmii Oromummaan fiilmiiwwan <i>The Fallen Beats</i> fi <i>Eelaa</i> keessatti: Xiinxala xiinseeneffama dubartummaa
Description:
Miixuu ciniinnannaan fiilmiiwwan Oromoo erga asfulla’aniin booda xiyyeeffannoo argatanii qeeqa dubartummaan qoratamuu dhabuun ka’umsa qorannichaati.
Kaayyoon qorannoo kanaa fiilmiiwwan “The Fallen Beats” fi “Eelaa” keessatti dhiyaatina dubartootaa toora falmii Oromummaan mul’ifame xiinxaluudha.
Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaa saxaxa ibsaatti dhimma bahame.
Ragaaleen madda jalqabaa hafee fiilmiiwwaniirraa, kan lammaffaa hafeewwan qorannoo, barruuleefi waraabbii haasawa gaggabaaboorraa sakatta’a hafeedhaan walitti qabamaniiru.
Ragaaleen hafee fiilmiwwaniirraa iddatteessuu miticarraa-akkayyoon fudhatamanii akka galumsaan ragaalee madda lamaffaan utubaman ta’eera.
Kunis mala akkamtaa, xiinxala hafeefi galumsa hafeen hiikkoofi ibsi erga itti kennameen booda xiinxalamee madaalame.
Bu’uura kanaan fiilmiiwwanis, ragaan hafee fiilmiwwaniis akkaataa kaayyoo qorannoo galmaan gahanitti fudhataman.
Yaaxxinni xiinseeneffama dubartummaa Afrikanummaa xiinxala ragaaleef dhimma itti bahamee jira.
Xiinxala taasifameen “The Follen Beats” qabiyyee baateen duudheffama seenessa olaantummaa dhiiraafi gadaantummaa dubartii labsu qisaasessee gara illeenya dubartummaa bu’uuressuutti tarkaanfateera.
Mil’uu aadaa qabxii xiyyeeffatamaa taasisuun dhiyaatina fakkoommiwwaniin, muuxannoo falmii dubartoota Oromoo watwaata dhokatee ture asbaasuun agarsiiseera.
“Eelaa” keessatti taatota dubartootaa hawaasummaan walbutuchan gochuun hiriirse.
Bakka bu’ummaa dubartootaaf kennameen dubartoota gahoomsuufi ergama saba baraaruu bahaachisu keessaa dhabamsiisuun mul’ateera.
Toora falmitoota sabaafi qajeelchitoota xurree dubartummaa taasisuurraa bakkas qubas dhabsiise.
Bu'aa qorannoo kana irraa ka'uudhaan, falmiin dhimma dubartummaa Oromummaan dhiyaatu kan fiilmii Oromoo keessatti argamu xiyyeeffannoo qeeqa akka ta’uu qabu akeeka.
English Abstract
The lack of a womanist critique of Oromoo films, which have emerged through intense struggle and gained significant attention, serves as the starting point for this research.
The objective of this research is to analyse the representation of women in the struggle for Oromummaa in “The Fallen Beats” and “Eelaa” films.
To achieve this objective, a qualitative research approach with a descriptive qualitative design was employed.
Data were collected from primary sources (the films themselves) and from secondary sources (including related research, scholarly articles, and short recorded speeches) through document analysis.
The film excerpts were selected using purposive sampling and analyzed through textual and contextual content analysis, followed by interpretation and evaluation.
Accordingly, the films and the film data excerpts were selected in a manner that met the research objectives.
The analysis employed African Womanist Narratology as the theoretical framework.
The analysis showed that “The Fallen Beats”, through its narrative content, challenged the ingrained traditions that promote male dominance and proclaim the subordination of women, thereby advancing a womanist perspective.
It foregrounds cultural consciousness as its central theme and, through its visual and narrative representation, exposes previously silenced experiences of Oromoo women's advocacy.
In “Eelaa”, the female characters were portrayed as being socially antagonistic.
The representation given to women diminished the mission of empowering women and fulfilling the role of saving the nation.
This portrayal removed them from the position of being national advocates and pioneers of the womanist movement.
Based on the findings of this study, the womanist discourse via Oromummaa, found in Oromoo film should be a focus of scholarly critical attention.
Keywords: Struggle, film, Oromo, womanist narratology.
Related Results
Ximsaga yaadsaga Afaan Oromoo
Ximsaga yaadsaga Afaan Oromoo
Kaayyoon qorannoo kanaa faca’iinsa xiimsagaa, yaadsaga Afaan Oromoo keessatti ibsuudha. Qorannoo kanaaf ka’umsi ximsaga yaadsaga Afaan Oromoorratti qorannoon gadifageenya qabu qora...
Tartiiba fufiilee yaasaafi hormaata gochimoota Afaan Oromoo
Tartiiba fufiilee yaasaafi hormaata gochimoota Afaan Oromoo
Qorannoon kun tartiiba fufiilee yaasaafi hormaata gochimoota Afaan Oromoo addeessuufi xiinxaluu irratti xiyyeeffate. Afaan Oromoo afaan xiinjecha gochimaa gabbataafi walxaxaa qabu ...
Cardiac vagal activation during post exercise ischemia in young healthy
Hispanic/Latino adults
Cardiac vagal activation during post exercise ischemia in young healthy
Hispanic/Latino adults
The lifetime likelihood of developing hypertension is higher among
Hispanic/Latino (H/La) adults than non-Hispanic White (NHW) adults in the
...
Exercise and pharmacological stress echocardiography in healthy horses
Exercise and pharmacological stress echocardiography in healthy horses
Summary
Reasons for performing study:
Stress echocardiography could be a useful diagnostic test in horses suspected to su...
Accuracy of continuity equation in aortic stenosis and irregular heart rhythm (5–10 beats average)
Accuracy of continuity equation in aortic stenosis and irregular heart rhythm (5–10 beats average)
Abstract
Introduction
Continuity equation is the cornerstone of aortic valve area (AVA) calculation in patients with aortic sten...
Nonreentrant Mechanisms Underlying Spontaneous Ventricular Arrhythmias in a Model of Nonischemic Heart Failure in Rabbits
Nonreentrant Mechanisms Underlying Spontaneous Ventricular Arrhythmias in a Model of Nonischemic Heart Failure in Rabbits
BackgroundThe goal of this study was to define the mechanisms of spontaneously occurring ventricular arrhythmias in the setting of nonischemic heart failure.Methods and ResultsThre...
Gahee Walleewwan Oromoo Sirna Gadaa Seenessuu keessatti Qaban Xiinxalluu
Gahee Walleewwan Oromoo Sirna Gadaa Seenessuu keessatti Qaban Xiinxalluu
Qorannoon kun haalessa walleewwan qabsoo qabsoo Oromoo xiinxalluu irratti xiyyeeffata. Qorataan ragaalee qorannoo kana gaggeessuuf isa barbaachisan funaannachuuf ragaalee madda max...
Adeemsa dhamsagaa daangaa dhamjecha Afaan Oromoo irratti
Adeemsa dhamsagaa daangaa dhamjecha Afaan Oromoo irratti
Kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa jijjiirama amala dhamsagaa daangaa dhamjechootaa irratti mul’atu xiinxaluudha. Adeemsi dhamsagaa jechoota Afaan Oromoo keessatti mul’atan kanaan...

