Search engine for discovering works of Art, research articles, and books related to Art and Culture
ShareThis
Javascript must be enabled to continue!

Adeemsa dhamsagaa daangaa dhamjecha Afaan Oromoo irratti

View through CrossRef
   Kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa jijjiirama amala dhamsagaa daangaa dhamjechootaa irratti mul’atu xiinxaluudha. Adeemsi dhamsagaa jechoota Afaan Oromoo keessatti mul’atan kanaan dura qorattootaan qoratameera. Haata’u malee, jijjiirama amalaa dhamsagoonni agarsiisan daangaa dhamjechaarratti dhamsagaafi gurmuu isaaniitiin raawwatu bal’inaan hinxiixalamne. Ka’umsi qorannoo kanaa, adeemsi jijjiirama amala dhamsagaa jecha qeenxee, dhamjecha hi’eentaa daangaa jechaafi daangaa jechoota diigala uuman irratti qorannoolee kanaan duraa keessatti qaawwi jiraachuusaati. Ragaaleen qorannoo kanaa dubbattoota Afaan Oromoo irraa bifa haasaatiin kan walitti qabameefi qorattuun mataansii dubbattuu Afaan Oromoo waan taateef, akka madda ragaatti tajaajilteerti. Tooftaa iddatteessuu kaayyeffataa hordofuun maddoota ragaa irraa ragaaleen walitti qabaman jechaan xiinxalamaniiru. Qorannoon kun akaakuu qorannoo akkamtaa yoo ta’u, malli xiinxala ragaa addeessaa hojirra ooleera. Adeemsi dhamsagaa afaanii afaanitti haala adda addaatiin mul’achuun adeemsa kana xiinxaluuf yaaxxinni maddisiisaa xiinsagaa hojiirra kan oole ta’uyyuu, garagaarummaa ibsi yaaxxinaa afaanirratti qabu qorattuun ibsa mataasiitiin addeessite. Bu’uruma kanaan, argannoon qorannoo akka agrsiisutti adeemsa dhamsagaa irratti jijjiiramni unka jechaafi hariiroon dhamsagootaa jecha ykn daangaa jechootaa irratti nimul’ata. Jechoonni akka gadifi yaa’uu yookiin gadifi deebii akkasumas, gadifi jallaa jedhan dubbachiiftuu /i/ haquun unka [gayyaa?uu (gajjaaʔuu), gaddeebii, ggajjalla (gaʤʤallaa)] jedhamutti jijjiiramu. Dabalataanis, dhamjechi hi’eentaan [hin] jechoota akka nyaate-, waami-, moo’i fi boo’e irratti dabalamuun [hinyaatu (hiɲɲaatu), hiwwaamu, himmoo’u (himmoo?u), himboo’u (himboo?u)] jedhamuun unka jechaa jijjiruun firoommii guutuufi gamisaa nitaasisu. Dhamsagni kokkee lootuun hi’eentaa wajjiin hiriiruun jechoota akka [hinaqu (hinak’u), hineerumu, hinimu, hinokkolu, hinuursu] irratti adeemsa dubbifamaa haquufi dubbachiiftuu funyeessuu raawwata. Dabalataan diigalliifi adeemsi danoomina maqaa Afaan Oromoo adeemsota akka haquu, walbaqachuufi firoommii keessa darbuusaa argannoon qorannichaa nimul’isa. English Abstract The purpose of this study is to analyze the phonological processes which occur at morpheme and/or word boundaries. The phonological process of Afaan Oromoo that exists at lexical level has already been studied by several researchers. However, those which occur at morpheme and/or word boundaries have not been thoroughly analyzed. For this research, the phonological processes which occur at lexical, morphological negation and compounding levels are the focus areas. Data were collected from the native speakers of Afaan Oromoo. The researcher also served as data source as she is a native speaker of the language. The data were collected following a purposive sampling strategy and analyzed thematically based on linguistic procedures. Descriptive method, which employs morpheme-by-morpheme glossing style was applied for the analysis. Although generative phonology is applied as a theory of analysis, the researcher explained language specific features using her own explanation. Accordingly, the findings show phonological changes in structures of words and across morpheme and word boundaries. For example, words with beginning with /j/, /ʤ/, /d/, /ɲ/, /m/ consonants (such as [gajjaa’u, gaʤʤallaa, hiɲɲaati and himmoo?u]) form complete assimilation whereas those beginning with /b/ (such as [himboo?u, himbulu, himbu?u]) form partial assimilation. The glottal fricative phoneme /h/ patterns with the negation particle /hin-/ such as: [hinak’u, hineerumu, hinimu, hinokkolu, hinuursu] cancels the initial consonant of the stem and nasalizes the vowel. Moreover, the study reveals that epenthesis can occur during the phonological processes, such as deletion, affixation, and assimilation. Keywords: Afan Oromo, assimilation, negative marker, prefix, morpheme boundaries
Title: Adeemsa dhamsagaa daangaa dhamjecha Afaan Oromoo irratti
Description:
   Kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa jijjiirama amala dhamsagaa daangaa dhamjechootaa irratti mul’atu xiinxaluudha.
Adeemsi dhamsagaa jechoota Afaan Oromoo keessatti mul’atan kanaan dura qorattootaan qoratameera.
Haata’u malee, jijjiirama amalaa dhamsagoonni agarsiisan daangaa dhamjechaarratti dhamsagaafi gurmuu isaaniitiin raawwatu bal’inaan hinxiixalamne.
Ka’umsi qorannoo kanaa, adeemsi jijjiirama amala dhamsagaa jecha qeenxee, dhamjecha hi’eentaa daangaa jechaafi daangaa jechoota diigala uuman irratti qorannoolee kanaan duraa keessatti qaawwi jiraachuusaati.
Ragaaleen qorannoo kanaa dubbattoota Afaan Oromoo irraa bifa haasaatiin kan walitti qabameefi qorattuun mataansii dubbattuu Afaan Oromoo waan taateef, akka madda ragaatti tajaajilteerti.
Tooftaa iddatteessuu kaayyeffataa hordofuun maddoota ragaa irraa ragaaleen walitti qabaman jechaan xiinxalamaniiru.
Qorannoon kun akaakuu qorannoo akkamtaa yoo ta’u, malli xiinxala ragaa addeessaa hojirra ooleera.
Adeemsi dhamsagaa afaanii afaanitti haala adda addaatiin mul’achuun adeemsa kana xiinxaluuf yaaxxinni maddisiisaa xiinsagaa hojiirra kan oole ta’uyyuu, garagaarummaa ibsi yaaxxinaa afaanirratti qabu qorattuun ibsa mataasiitiin addeessite.
Bu’uruma kanaan, argannoon qorannoo akka agrsiisutti adeemsa dhamsagaa irratti jijjiiramni unka jechaafi hariiroon dhamsagootaa jecha ykn daangaa jechootaa irratti nimul’ata.
Jechoonni akka gadifi yaa’uu yookiin gadifi deebii akkasumas, gadifi jallaa jedhan dubbachiiftuu /i/ haquun unka [gayyaa?uu (gajjaaʔuu), gaddeebii, ggajjalla (gaʤʤallaa)] jedhamutti jijjiiramu.
Dabalataanis, dhamjechi hi’eentaan [hin] jechoota akka nyaate-, waami-, moo’i fi boo’e irratti dabalamuun [hinyaatu (hiɲɲaatu), hiwwaamu, himmoo’u (himmoo?u), himboo’u (himboo?u)] jedhamuun unka jechaa jijjiruun firoommii guutuufi gamisaa nitaasisu.
Dhamsagni kokkee lootuun hi’eentaa wajjiin hiriiruun jechoota akka [hinaqu (hinak’u), hineerumu, hinimu, hinokkolu, hinuursu] irratti adeemsa dubbifamaa haquufi dubbachiiftuu funyeessuu raawwata.
Dabalataan diigalliifi adeemsi danoomina maqaa Afaan Oromoo adeemsota akka haquu, walbaqachuufi firoommii keessa darbuusaa argannoon qorannichaa nimul’isa.
English Abstract The purpose of this study is to analyze the phonological processes which occur at morpheme and/or word boundaries.
The phonological process of Afaan Oromoo that exists at lexical level has already been studied by several researchers.
However, those which occur at morpheme and/or word boundaries have not been thoroughly analyzed.
For this research, the phonological processes which occur at lexical, morphological negation and compounding levels are the focus areas.
Data were collected from the native speakers of Afaan Oromoo.
The researcher also served as data source as she is a native speaker of the language.
The data were collected following a purposive sampling strategy and analyzed thematically based on linguistic procedures.
Descriptive method, which employs morpheme-by-morpheme glossing style was applied for the analysis.
Although generative phonology is applied as a theory of analysis, the researcher explained language specific features using her own explanation.
Accordingly, the findings show phonological changes in structures of words and across morpheme and word boundaries.
For example, words with beginning with /j/, /ʤ/, /d/, /ɲ/, /m/ consonants (such as [gajjaa’u, gaʤʤallaa, hiɲɲaati and himmoo?u]) form complete assimilation whereas those beginning with /b/ (such as [himboo?u, himbulu, himbu?u]) form partial assimilation.
The glottal fricative phoneme /h/ patterns with the negation particle /hin-/ such as: [hinak’u, hineerumu, hinimu, hinokkolu, hinuursu] cancels the initial consonant of the stem and nasalizes the vowel.
Moreover, the study reveals that epenthesis can occur during the phonological processes, such as deletion, affixation, and assimilation.
Keywords: Afan Oromo, assimilation, negative marker, prefix, morpheme boundaries.

Related Results

Tartiiba fufiilee yaasaafi hormaata gochimoota Afaan Oromoo
Tartiiba fufiilee yaasaafi hormaata gochimoota Afaan Oromoo
Qorannoon kun tartiiba fufiilee yaasaafi hormaata gochimoota Afaan Oromoo addeessuufi xiinxaluu irratti xiyyeeffate. Afaan Oromoo afaan xiinjecha gochimaa gabbataafi walxaxaa qabu ...
The morphosyntactic integration of English words into Afaan Oromoo
The morphosyntactic integration of English words into Afaan Oromoo
The present study investigates the morphosyntactic integration of English lexical items into Afaan Oromoo within multilingual conversations recorded in Dambi Dollo, Oromia regional...
Modelling and Designing of NLP Interface to Database for Afaan Oromoo
Modelling and Designing of NLP Interface to Database for Afaan Oromoo
Database management system has been widely used for storing and retrieving data. However, database is often hard to access the data since their interface is rigid in cooperating wi...
Improving Brill's tagger lexical and transformation rule for Afaan Oromo language
Improving Brill's tagger lexical and transformation rule for Afaan Oromo language
Natural Language Processing (NLP) refers to Human-like language processing which reveals that it is a discipline within the field of Artificial Intelligence (AI). However, the ulti...
Gahee Walleewwan Oromoo Sirna Gadaa Seenessuu keessatti Qaban Xiinxalluu
Gahee Walleewwan Oromoo Sirna Gadaa Seenessuu keessatti Qaban Xiinxalluu
Qorannoon kun haalessa walleewwan qabsoo qabsoo Oromoo xiinxalluu irratti xiyyeeffata. Qorataan ragaalee qorannoo kana gaggeessuuf isa barbaachisan funaannachuuf ragaalee madda max...
Ximsaga yaadsaga Afaan Oromoo
Ximsaga yaadsaga Afaan Oromoo
Kaayyoon qorannoo kanaa faca’iinsa xiimsagaa, yaadsaga Afaan Oromoo keessatti ibsuudha. Qorannoo kanaaf ka’umsi ximsaga yaadsaga Afaan Oromoorratti qorannoon gadifageenya qabu qora...

Back to Top