Javascript must be enabled to continue!
Ximsaga yaadsaga Afaan Oromoo
View through CrossRef
Kaayyoon qorannoo kanaa faca’iinsa xiimsagaa, yaadsaga Afaan Oromoo keessatti ibsuudha. Qorannoo kanaaf ka’umsi ximsaga yaadsaga Afaan Oromoorratti qorannoon gadifageenya qabu qoratamuu dhabuudha. Qorannoon kun qorannoo akkamtaa maleenya ibsaatiin xiinxalameedha. Iddattoon qorannichaa namoota 24 dubbattoota looga maccaati. Ragaaleen qorannichaa mala sissi’eessuutiin (elicitation) kan sassaabamaniidha. Bu’aan qorannichaa faca’iinsi dhamsagoota yaadsagaafi jechoota idilee keessatti mul’atan waladdummaa akka qaban adda baaseera. Yaadsaga keessatti dhamsagoonni dubbifamaan faca’iinsa jalqabaa, jidduufi dhumaa qaban [f, s, ʃ, t’, ʧ’, m, ɲ, l, r] yoo ta’an; faca’iinsa jalqabaafi jidduu kanneen qabanimmoo [b, d, g, ʔ, ɗ, ʤ] ta’uu qorannichi agarsiiseera. Dabalataan, faca’iinsa jalqabaafi dhumaa warri qabanis [p’, t, k, k’, h, w] dha. Dubbachiistonni hundinuu faca’iinsa jidduurratti kan argaman yoo ta’u; daangaa dhumaarratti garuu [o, u fi a] qofatu mul’ata. Dabalataan, sagaleeleen dhootuu fakkaatan (click like sounds) kan dhamsagoota bu’uuraa afaanichaa keessatti hin argamne [ʞ, ǁ, ǃ, ʘ, tchip] xinsaga yaadsaga afaanichaa keessatti nimul’atu. Dhumarratti, caasaaleen birsagaa yaadsaga keessatti mul’atan kan jechoota idlee keessatti mul’ataniin waladdummaa qabaachuu bu’aan qorannichaa agarsiiseera.
English Abstract
The main objective of this study is to describe the phonological distributions of Oromo ideophones. The study is qualitative and a descriptive approach was employed. The data were collected from 24 informants’ the native speakers of mecha variety with elicitation methods. The findings show that, ideophones are slightly different in distributions i.e. a phoneme that may possess three distributional positions in words may possess one or two distributional position(s) in ideophones. The phonemes that have initial, medial, and final positions are [ f, s, ʃ, t’, ʧ’, m, ɲ, l, r] as that; which have only initial and medial are [b, d, g, ʔ, ɗ, ʤ]and those with initial and final are [p’, t, k, k’, h, w]. All vowel phonemes can be distributed at the medial position but, only [o, u, a] occur at the final position of the ideophones. In addition, there are click-like sounds that can never be found in the regular phonology of the language. These are five in number [ʞ, ǁ, ǃ, ʘ, tchip] and are used in onomatopoeic words. Finally, in syllable structures, the rules prohibited in word structures are permitted in ideophonic structures.
Keywords: click-like sounds, distribution, ideophones, phonology
Title: Ximsaga yaadsaga Afaan Oromoo
Description:
Kaayyoon qorannoo kanaa faca’iinsa xiimsagaa, yaadsaga Afaan Oromoo keessatti ibsuudha.
Qorannoo kanaaf ka’umsi ximsaga yaadsaga Afaan Oromoorratti qorannoon gadifageenya qabu qoratamuu dhabuudha.
Qorannoon kun qorannoo akkamtaa maleenya ibsaatiin xiinxalameedha.
Iddattoon qorannichaa namoota 24 dubbattoota looga maccaati.
Ragaaleen qorannichaa mala sissi’eessuutiin (elicitation) kan sassaabamaniidha.
Bu’aan qorannichaa faca’iinsi dhamsagoota yaadsagaafi jechoota idilee keessatti mul’atan waladdummaa akka qaban adda baaseera.
Yaadsaga keessatti dhamsagoonni dubbifamaan faca’iinsa jalqabaa, jidduufi dhumaa qaban [f, s, ʃ, t’, ʧ’, m, ɲ, l, r] yoo ta’an; faca’iinsa jalqabaafi jidduu kanneen qabanimmoo [b, d, g, ʔ, ɗ, ʤ] ta’uu qorannichi agarsiiseera.
Dabalataan, faca’iinsa jalqabaafi dhumaa warri qabanis [p’, t, k, k’, h, w] dha.
Dubbachiistonni hundinuu faca’iinsa jidduurratti kan argaman yoo ta’u; daangaa dhumaarratti garuu [o, u fi a] qofatu mul’ata.
Dabalataan, sagaleeleen dhootuu fakkaatan (click like sounds) kan dhamsagoota bu’uuraa afaanichaa keessatti hin argamne [ʞ, ǁ, ǃ, ʘ, tchip] xinsaga yaadsaga afaanichaa keessatti nimul’atu.
Dhumarratti, caasaaleen birsagaa yaadsaga keessatti mul’atan kan jechoota idlee keessatti mul’ataniin waladdummaa qabaachuu bu’aan qorannichaa agarsiiseera.
English Abstract
The main objective of this study is to describe the phonological distributions of Oromo ideophones.
The study is qualitative and a descriptive approach was employed.
The data were collected from 24 informants’ the native speakers of mecha variety with elicitation methods.
The findings show that, ideophones are slightly different in distributions i.
e.
a phoneme that may possess three distributional positions in words may possess one or two distributional position(s) in ideophones.
The phonemes that have initial, medial, and final positions are [ f, s, ʃ, t’, ʧ’, m, ɲ, l, r] as that; which have only initial and medial are [b, d, g, ʔ, ɗ, ʤ]and those with initial and final are [p’, t, k, k’, h, w].
All vowel phonemes can be distributed at the medial position but, only [o, u, a] occur at the final position of the ideophones.
In addition, there are click-like sounds that can never be found in the regular phonology of the language.
These are five in number [ʞ, ǁ, ǃ, ʘ, tchip] and are used in onomatopoeic words.
Finally, in syllable structures, the rules prohibited in word structures are permitted in ideophonic structures.
Keywords: click-like sounds, distribution, ideophones, phonology.
Related Results
Tartiiba fufiilee yaasaafi hormaata gochimoota Afaan Oromoo
Tartiiba fufiilee yaasaafi hormaata gochimoota Afaan Oromoo
Qorannoon kun tartiiba fufiilee yaasaafi hormaata gochimoota Afaan Oromoo addeessuufi xiinxaluu irratti xiyyeeffate. Afaan Oromoo afaan xiinjecha gochimaa gabbataafi walxaxaa qabu ...
The morphosyntactic integration of English words into Afaan Oromoo
The morphosyntactic integration of English words into Afaan Oromoo
The present study investigates the morphosyntactic integration of English lexical items into Afaan Oromoo within multilingual conversations recorded in Dambi Dollo, Oromia regional...
Adeemsa dhamsagaa daangaa dhamjecha Afaan Oromoo irratti
Adeemsa dhamsagaa daangaa dhamjecha Afaan Oromoo irratti
Kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa jijjiirama amala dhamsagaa daangaa dhamjechootaa irratti mul’atu xiinxaluudha. Adeemsi dhamsagaa jechoota Afaan Oromoo keessatti mul’atan kanaan...
Impacts of language barriers on healthcare access and quality among Afaan Oromoo-speaking patients in Addis Ababa, Ethiopia
Impacts of language barriers on healthcare access and quality among Afaan Oromoo-speaking patients in Addis Ababa, Ethiopia
Abstract
Background
Ethiopia is a multilingual and multinational federation with Addis Ababa serving as both the capital city of Oromia regional sta...
Experiences and satisfaction of patients in communicating with care providers: The case of Afaan Oromoo speaker patients at Saint Paul's Hospital Millennium Medical College, Addis Ababa, Ethiopia, 2021
Experiences and satisfaction of patients in communicating with care providers: The case of Afaan Oromoo speaker patients at Saint Paul's Hospital Millennium Medical College, Addis Ababa, Ethiopia, 2021
Abstract
Background
Miscommunication between patient and care provider in health service setting puts great pressure on patient satisfaction even up to life threatening e...
Modelling and Designing of NLP Interface to Database for Afaan Oromoo
Modelling and Designing of NLP Interface to Database for Afaan Oromoo
Database management system has been widely used for storing and retrieving data. However, database is often hard to access the data since their interface is rigid in cooperating wi...
Improving Brill's tagger lexical and transformation rule for Afaan Oromo language
Improving Brill's tagger lexical and transformation rule for Afaan Oromo language
Natural Language Processing (NLP) refers to Human-like language processing which reveals that it is a discipline within the field of Artificial Intelligence (AI). However, the ulti...
Dhiyaatina dubartootaa toora falmii Oromummaan fiilmiiwwan <i>The Fallen Beats</i> fi <i>Eelaa</i> keessatti: Xiinxala xiinseeneffama dubartummaa
Dhiyaatina dubartootaa toora falmii Oromummaan fiilmiiwwan <i>The Fallen Beats</i> fi <i>Eelaa</i> keessatti: Xiinxala xiinseeneffama dubartummaa
Miixuu ciniinnannaan fiilmiiwwan Oromoo erga asfulla’aniin booda xiyyeeffannoo argatanii qeeqa dubartummaan qoratamuu dhabuun ka’umsa qorannichaati. Kaayyoon qorannoo kanaa fii...

